
Muslima amma jiru yoo laalte waan rabbiin itti isaan ajaje hedduurraa fagaataniiti agarta. Akka fakkeenyaatti salaata subhii fudhannee yoolaalle irra hedduu muuslima ammaa biratti bakka dhabee jira. Ammoo salaanni kun gatii fi sadarkaan inni qabu nama qalbiin laalee xiinxaleef kan laayyotti laalamuu miti. Nama salaata kana laaffisee ilaaleef adabbiin rabbiin qopheesse hangam cimaa akka tahe namni beeke salaanni subhii guyyaa tokko isa hin dabru. Kana tahuu wajjiin muslimoonni hedduun iccitii milkaa'inaa kan rabbiin isaaniif arjoome kana dagatanii laaftutti laaluudhaan gammachuu fi tasgabbii dhabanii yeroo rakkatan mullata. Gariin ammoo salaata kana yeroo isaa eeggatee jama'aa waliin salaatuuf fedhii guddaa qabu. Garuu daandii fi tooftaaleen kuni itti isaaniif milkaawu waan sirritti isaaniif hin galiniif jecha akkuma jara kaanii warra salaata kana dhabee hongawe keessatti ramadamu.
Aniis rakkoon kun hammaataa ta'ee waan natti mullateef barreeffama gabaabaa kana isiniif qopheesse. Barreeffama kana keessatti tooftaalee salaata subhii jama'aan salaatuuf nama gargaaran qabadhee isiniif dhihaadheetiin jira. Maloota kanneenitti namni fayyadame warreen rabbiif awwaatee yeroo qaalii lubbuun nama baay'ee injifattu san fuulduree rabbiiisaa dhaabbatee jaalala rabbii badhaafamu akka tahu ni shakkii hin qabu. Tooftaaleen salaata subhii jama'aan salaatuuf nama gargaaran hedduudha. Isaan keessaa hangafoota kan ta'an qofaan keessaa filee isiniif dhiheesse.
Tooftaaleen kanneeniis isaan armaan gadiiti:
1. Guddina, dandeeytii fi adabbii rabbiin nama salaata subhiitirraa rafeefiis tahee nama ajaja rabbii dideef qopheesse yaaduudhaan rabbirraa sodaachuu.
2. Galata babbareedaa fi faaydaalee rabbiin nama salaata subhii yeroo isii eeggatee jama'aan salaateef qopheesse beekuu fi itti amanuu.
3. Dilii dalaguurraa fagaachuu:
Diliin guyyaa keessa hojjatan halkan ajaja rabbii eeggachuurraa nama hiiti. Nama guyyaa keessa diliirraa if eege salaata subhii dhiisiitii halkan leeylii salaatuun isatti hin ulfaatu.
4. Istighfaara (araarama rabbi kadhachuu) heddummeeysuu:
Araarama rabbi kadhatee badii isaatirraa nama toowbate rabbiin hojii kheeyrii isaaf laaffisa.
5. Guyyaa keessa dalagaa gaggaarii dummeeysuu.:
Hojiin namni tokko hojjatu hojii isa fakkaatutti nama harkisa. Namni kheeyrii takka hojjate kheeyrii biraatu isaaf laaffata. Akkasuma namni dilii hojjatees dilii biroo hojjachuuf karaan isaaf banama.
6. Du'aa'ii:
Akka rabbiin salaata subhiitiif si dammeeysu, akkasumas nama yeroo hunda isii tiiyfatu akka si godhu, akka siif laaffisu rabbi kadhachuu. Rabbiin keenya(sw) na kadhadhaa isiniifiin qeebala jedhee gabroottan isaatiif ballama seenee waan jiruuf kadhaa rabbiitiin wanni hin dandahamne hin jiru.
Du'aa'iin tooftaalee salaata subhiirratti nama gargaaran keessaa guddoo fi isii hangafaati.
7. Hirriiba duratti salaata subhii ka'uuf niyyaa dhugaa qabaachuu.
8. Yeroo hirriibaaf deemtu akka nama salaataaf deemuutti wuduu'a kee guuttattee tolfachuu.
9. Zikrii hirriibaa godhuu:
Isaan keessaa: Aayatul Kursiyyii qara'uu, Harka kee walitti qabdee suuraa ikhlaas, suuraa Falaqii fi suuraa Naas qaraatee qaama kee hanga siif mijjaawe harka kee lamaaniin dibachuu.
10. Hirriiba dura nyaata xiqqeessuu:
Namni yeroo rafuuf deemu nyaata baay'isee nyaate hirriiba ulfaataa waan rafuuf subhiif ka'uun hedduu itti ulfaata.
11. Bilbila keetiin Alaarmii irratti guuttachuu:
Alaarmii bareedaan tokko kaniin ani isiif filuutu jira.
Alaarmiin tuni alaarmiin yeroon barbaadetti akkaan ka'u gargaarsa naaf taate, hedduu na fayyadde. Namni alaarmii tanatti fayyadame gonkumaa hin dhageenye jachuu hin danda'u. Akka alaarmoota biraattis laaftutti ifirraa cuftee hirriibatti deebi'uun hin danda'amu.
Waan hafe atummaan "Google Play" irraa download goodhiitii itti fayyadamii laali.
Download godhachuu yoo feete, erga barreeffama salaata subhii kana guututti dubbistee fixxee booda link kana tuqii download godhadhu:
https://play.google.com/store/apps/details?id=droom.sleepIfUCan
Akkaataan itti fayyadama isii laafaadha. Namni isiniif hin galle ammoo yoo jiraattan isin gargaaruu waan dandeenyuuf nu qunnamaa.
12. Maatii kee fi hiriyoota kee kanneen salaata subhii eeggataniin gargaarsifachuu (bilbilaan ykn qaamaan akka salaata subhiitiif si kaasan itti dhaammachuu).
13. Halkan osoo hin turre galgalaan rafuu:
Ergamaan rabbii (s.a.w) salaata ishaa'ii dura rafuu fi ishaa'ii booda ammoo haasawa hin jaalatu. Akkuma ishaa'ii salaateen gama hirriibaa deema. Sababiin isaas halkan gama duraatti rafuun faaydaa hedduu waan qabuufi. Isa yeroo biraa isiniif dhiheessuu ni dandeenya.
Namnii wantoota armaan olitti dubbtame hundatti fayyadame, hayyama rabbiitiin warra yeroo subhii qaalii san fedhinnaa lubbuu tan ibaddatti isaan deemtu jalaa didee, mana rabbii bohaarsee addunyatti jireenya gammachuutii fi aakhiratti ammoo jannata qananii zalaalam san argatee milkaawurraa akka tahu shakkii tokko hin qabu.
Waan nu hordoftaniif guddaa galatoomaa!!!
Comments