!!! Namoonni hedduun yeroo ammaatti barreeffama dhadheeraa ni . Nama obsaan dubbise garuu barreeffamni kun ni fayyada!!!
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
Namoonni baay'een jijjiiramuudhaaf kaka'uumsa nama biroorraa eeggatu. Jijjiiramni qaama alaatirraa akka waan eegaluutti beeku. Garuu jijjiiramni ala osoo hin taane keessoo keetii burqa.
~Haalli amma keessa jirru hundi bu'aa ilaalcha keenyaatii fi hojiilee nuti guyya guyyaatti hojjannuuti.
~Yeroo baay'ee sababaa dadhabbii fi hifannaa keenyaatiin kan ka'e jijjiirama mirkaneessuu yeroo dadhabnu nama biraa komachuu heddummeessina.
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
👨🔧👩🔧Yeroo tokko dhaabbadhu!👩🔧👨🔧~Maalummaa kee of bari!
~Cinaacha gaarii fi cinaacha dadhabaa kee qoradhuu of hubadhu!
~Zamanni keessa jirru zamana of caalaa waa'ee nama biraa sirritti beeknuudha. Sababiin isaas hir'ina nama biroo baruu fi dirree baasuuf fedhii guddaa waan qabnuufi.
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
👉 Umrii tee gabaabduu keessatti bu'aa buusuu yoo barbaadde, gaaffiilee tana of gaafadhu:
A. Ani eenyu?
B. Maaltu sadarkaan amma irra jirutti na hanbise?
C. Eessattiin deemaa jira?
D. Jireenya koo keessatti maaliin barbaada?
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
~Ofirratti hojjachuun heewasami! Yeroo san osoo hin jaalanne hir'ina nama biraa jala deemuun hafee nama si cinaa jiruuhuu irraanfatta. Sababiin isaas Yeroo ofitti deebitee of laaltu hirrinaa fi dadhabina hedduu ofirratti waan agartuuf isa sirreeffachuufuu yeroon sin geessu!
✔Dursa ofirratti xiyyeeffadhu!
✔Dandeeytii tee fooyyeessi!
✔Ilaalcha keetii fi amaloota kee jijjiiri!
✔Gara hundaan ol guddachuuf tattaaffii godhi!
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
👉Erga ofirratti hojjachuun siif milkaawee booda namoota jijjiiruurratti akka sitti dhiheenya qabaniin dursa kenniifii irratti hojjadhu!
✔✔Amma booda kufiinsaa fi boodatti hafiinsa dadhabinaa fi dogongora ilaalcha keenyaatirraa ka'ee nu qunnameef, dadhabina keenya sirreeffachuu fi dogongora keenya fudhachuu diddaaf nama biroo komachuun nuuf gaha! Dhaabbachuu qaba!✔✔
👉Ilaalcha keenya haa jijjiirruu, yeroo san hojii fi wanti nuti amaleeffannulleen ni jijjiirama!
👉Amala dadhabbii fi hifannaa ofirraa balleessuu qabna, jeeyna if duratti deemu haa taanuu...!!!
By: Abu Hatim
Yes that's right ✅