top of page
Search

Dhugaan Boba'aa Imala Jireenya Keenyaa Haa Tahu!

Writer's picture: Tuji MussaTuji Mussa

Waan hunda keessatti nama dhugaa taatee yoo jiraatte, karaan gama kaayyoo teetii itti geessu siif laaffata!~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~

Jireenyi dhugaan keessaa bade nama jibbisiisa! Gammachuutu keessaa baqata!

~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~

✔Dhugaan wantoota uumama keessatti argaman keessaa waan akkaan barbaachisaa fi irra qaalii taheedha!

✔Dhugaan tasgabbii qalbiiti!

✔Dhugaan gammachuu jireenyaati!

✔Dhugaan mallattoo mu'umina dhugaati!

✔Dhugaan hawwii hawaasaati!

✔Dhugaan furmaata dhala namaati!

~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~

Ganda lamaanitti nama milkaawaa tahuuf:

~Rabbii kee wajji dhugaan jiraadhu!

~Lubbuu tee wajji dhugaan jiraadhu!

~ Hariiroo fi jireenya namaa wajjii keessattiis dhugaan sirraa adda hin bahin!

~Kaayyoo tee keessatti dhugaarratti hundaa'i!

~Ilaalchi keetiis dhugaa bu'ura godhachuu qaba!

~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~

👉 Hifannaa fi dadhabbiis tahee waan biraatiin hojii silaa amma hojjachuu qabdu borutti, ta torban kanaa torban dhufutti dabarsuudhaan lubbuu tee hin sobin!

👉Rakkina jireenya keessatti si qunname duraa hanga feete baqattuus duraa hin baatu!

✔Yeroo hunda if sobaa hin jiraatin!

✔Lubbuu teetiis tahu dhugaa jiru itti himtee, waan godhuu qabdu karoorfattee, rabbii keetiin gargaarsifattee jijjiiramuuf tattaaffii barbaachisu godhuutu waa hundaaf furmaata!

~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~

👉Boru, iftaan, jimmata dhufurraa, waggaa haariyarraa hin ja'in! Arrumarraa dhukkee if hifaataa hurgufadhuu lafaa ka'i! Tarkaanfii eegali!

✔Rabbi qabattee waan fedheehuu galmaan gahuu ni dandeessa!

NAMAA GAD GODHEE RABBIIN SI HIN UUMNE! IF HIN TUFFATIN! AMMOO YOOMIYYUU DHUGAADHAAN ADDA HIN BAHIN!


22 views0 comments

Recent Posts

See All

Comments


Post: Blog2_Post

Kombolcha, East Hararge, Oromia

+251920470070

Subscribe Form

Thanks for submitting!

©2020 by Tuji Mussa. Proudly created with Wix.com

  • Facebook
  • Twitter
  • LinkedIn
bottom of page