top of page
Search

Hoogganaa too'annaan miseensoonni too'atame!

Writer's picture: Tuji MussaTuji Mussa

Assalaamu'aleeykum warahmatullaahi wabarakaatuh...


Qalbiin mootii qaamaati. Hoogganaa tokkicha qaama hoogganee deemuudha. Qaamni aangoo ofii isaatiin hojii barbaadde raawwachuu hin qabu. Hojiin qaamaa ajaja qalbiidhaan itti kenname gaggeessuu qofa.


Aangoo fi hooggansi qalbiin qaama keenya irratti qabdu akkaan guddaadha.


Hariiroo cimtuu qaamaa fi qalbii jidduu jirtu kanarraa kan ka'e tollii fi badiinsi qaamaa qalbiirratti hundaa'a.


Namni tokko arraba isaatiin yoo kijibe qalbiin isaa fedhii kijibuu waan qabaateefi. Miilli gama haraam deemuus ajaja qalbiirraa fudhateeti.


Hariiroon qalbii fi qaama jidduu jirtu hariiroo cimtuu waan taateef Rasuul (Saw) namicha salaata keessatti kushuu'a dhabeen akkana jedhan: "Osoo qalbiin nama kanaa kushuu'a gootee qaamni isaalleen kushuu'a godha ture."


Hadiisa biraa keessattiis Rasuulli kabajamaan (Saw) warra isa boodaan salaatuun akkana jedha: " Salfii (tarree) salaataa yeroo dhaabbattan wal qixxaadhaa, dhaabbii keessatti wal hin dhabinaa, yoo qaamaan wal dhabdan qalbiin teessaniis wal dhabdi."


Hadiisa biroo keessattis maalummaa qalbii yeroo nuuf himu akkana jedhe:


".....Qaama ilma namaa keessa foon kutaa xiqqaa tokkootu jira, hoggaa inni tole qaamni namaa guutuun tole, yoo foon xiqqaan san bade ammoo qaamni guutuun bade. Foon xiqqaan san qalbiidhaa beekaa."


Erga dubbiin kana ta'ee jijjiiramni qalbii keenya irraa yoo jalqabe tolinni nuti barbaannu ni milkaa'a. Namni qalbiin isaa hisdii (waanyoo), kibrii, jaalala aangoo, olaantummaa barbaaduu, fedhii lubbuu, jaalala duniyaatii fi wanneen biraa kan rabbirraa nama fageessaniin badde qaama isaatirraa hojiin mullatu hojuma qalbii keessaa bakka qabu sana.


Yoo qalbii keessa jaalalti rabbii, if gad qabuun, jaalalti sunnaa, toowhiidni, jaalalti jannataa jiraattees waan rabbiin jaalatuutu qaamarraa hojiin mullata.


WAAN KANA TA'EEF, NAMNI KARAA RABBII IRRATTI GADHAABBACHUU BARBAADE TOO'ANNAA QALBII ISAA JABEESSUU QABA!

31 views0 comments

Comments


Post: Blog2_Post

Kombolcha, East Hararge, Oromia

+251920470070

Subscribe Form

Thanks for submitting!

©2020 by Tuji Mussa. Proudly created with Wix.com

  • Facebook
  • Twitter
  • LinkedIn
bottom of page